Waamichi Iidiin waliin akka kabajnuuf taasifame carraa seena qabeessa tokkummaa keenya itti agarsiisnudha- mana marichaa

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Waamichi guutuu addunyaarraa bakka tokkotti dhufnee ayyaana Iidiin waliin akka kabajnuuf taasifame carraa seena qabeessa tokkummaa fi wal tumsuu keenya qabatamaatti itti agarsiisnudha jedhe  Mana Maree waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa.

Manni marichaa Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa ayyaanicha kabajuuf dhufan simatee keessumeessuuf qophii ta’uu ibseera.

Ayyaanicha kabajuuf warreen dhufan hunda simatanii keessummeessuuf qophii ta’uu Preezdaantiin mana marichaa Muftii Hajii Umar ibsaniiru.

Lammiilee sababa waraanaa fi hingeen miidhaman deeggaruuf carraa gaarii kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Mana marichaatti hogganaan damee masjiidotaa Dooktar Sheeh Mahaammad Hamiidiin gamasaaniin Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa kutaalee addunyaa garaagaraarra jiran walitti qabamuun ayyaanicha kabajuun tokkummaa fi obbolummaa isaanii kan itti mul’isan ta’uu ibsaniiru.

Miidhagina ayyaanichaa fi keessummoota simachuuf hundi ga’eessaa akka ba’atu gaafataniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment