Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Waamichi Diyaaspooraa gara biyyaa kaayyoo isaa milkeessaa jiraachuu Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksiise.
Imalli Hawaasni diyaaspooraa gara biyyaa taasiisan biyya isaaniif caalmaatti akka hojjetan kan hubachiise ta’uu ibsameera.
Diyaaspooraawan kunneen iddoolee garaagaraa naanna’uun haala qabatamaa jiru hubachuu Kaanaadaadha kan dhufan Dooktar Gazzahaanyi Hordofaan ibsaniiru.
Yoo waltumsine wanti hin danda’amne hin jiru jedhaniiru.
Miseensonni Diyaaspooraa biroos iddoolee garaagaraarra naanna’uun daawwannaan gaggeessaniin dhugaa jiru hubachuu fi ragaa sassabbachuu ibsaniiru.
Imalli guddaan kun taateewwan garaagaraan kaayyoo isaa milkeessuu Itti aanaan Daayreektara Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Indiriis ibsaniiru.
Hawaasni diyaaspooraa kennuun gara biyyaa dhufuun isaanii tokkummaa fi michummaa biyyaalessaa kan cimse, hariiroo mootummaa fi hawaasa diyaaspooraa gidduu jiru kan gabbise ta’uu himaniiru.
Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.