Waamichi diyaaspooraa dhalattoota 2ffaaf taasifame Itiyoophiyaa baruuf carraa kan uumudha jedhame

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Waamichi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad diyaaspooraa dhalattoota 2ffaaf taasisan seenaa fi aadaa Itiyoophiyaa baruuf carraa kan uumuu ta’uu Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Mahaammad Al Arsii ibsaniiru.

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Muhaammad Al Aruusii Itiyoophiyaan aadaa, duudhaa fi bakkeewwan hawwata turizimii addunyaan beektuun alatti biyya carraa misoomaa fi Invastimantii bal’aa qabdudha jedhan.

Kanaaf waamichi Ministirri Muummee diyaaspooraa Itiyoophiyaa dhalattoota 2ffaaf taasisaangara Itiyoophiyaa dhufanii aadaa fi duudhaalee Itiyoophiyaan qabdu akkasumas qabeenya ishee akka baraniif haala mijataa kan uumu ta’uu dubbataniiru.

Hojii misoomaa hojjetamaa jiru akka daawwatanii fi qaama hojichaas akka ta’an carraa uuma jedhan.

Diyaaspoorawwan biyya isaaniif ambaasaaddara ta’uun yeroo rakkoo Itiyoophiyaa cinaa dhaabbachuu akka qaban waamicha dhiyeessuuTOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment