Waamicha nageenyaa hunduu akka simatu Pireezidaanti Saahilawarqi waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Waamicha nageenyaa haadholiin Ityoophiyaa fi jaallattoonni nageenyaa dhiyeessan hunduu simatee deebii hojiirraa oolmaa akka kennan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee waamicha dhiyeessan.

Yaa’ii waamicha nageenyaa haadholii Ityoophiyaa irratti kan argamaan Pireezidaant Saahilewarqi Zawudee, Ityoophiyaan biyya jaalalli itti dagaage akka taatu, akksumas biyya lammiileef mijattuu taasisuuf hawaasa diyaaspooraa biyyaa keessaa fi alaa dabalateen haadholiin Ityoophiyaa, abbootiin amantaalee, jaarsooliin biyyaa fi bakka bu’oonni ummataa biroon akkasumaas, namoonni beekamoonii fi dhibbaa uumtonni tattaffii taasisaa jiran dinqisiifataniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee gama isaaniin, nageenyi wabii bu’uuraa egeree fi guddinaa biyyaa ta’uu eeranii, lammiileen hundi nageenya biyyattiitti mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taasisan akka milkaa’uuf, gahee isaanii akka bahatan dhaamaniiru.

Jalqabarratti dhiibbaa rakkoolee nageenyaa dhufaniif kan saaxilaman dubartota, daa’imman, qaama miidhamtoota, maanguddootaa fi lammiilee haala rakkisaa keessa jiran ta’uu dubbataniiru.

Humnoonni farreen nageenyaa gochaalee lammiilee nagaarratti raawwataan balaaleffataniiru.

Qaamoleen nageenya Ityoophiyaa booressan daandii badiisaa eegalanirraa deebi’anii filmaata nageenyaa akka hordofanii fi rakkooleen mariidhaan akka furaman gaafataniiru.

Tattaaffiin nageenyaa milkaa’aa akka ta’uuf deeggarsaa fi tumsa barbaachisaa akka taasisan ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment