Waamicha dhalootaaf taasiifameen maaddii biyyaaf Birriin biiliyoonni 1.4 walitti qabame

Finfinnee, Guraandhala 26, 2015 (FBC) –Waamicha dhalootaaf taasiifameen maaddii biyyaaf hanga ammaatti Birriin biiliyoonni 1.4 walitti qabamuu Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Haaluma waamichi taasiifameen kaleessa galgala abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen amantaalee Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 7 waadaa galuu ibsaniiru.

Maallaqa kaleessa waadaa galame dabalatee hanga ammaatti Birrii biiliyoonni 1.4 deeggarsa taasifamu Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

# Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment