Waamicha dhaloota 2ffaaf taasiifame hordofee Koreen olaanaan Ministeera Turizimiin durfamu gara hojiitti gale

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhaloonni 2ffaa Itiyoophiyaanoonni gara biyya isaanii akka dhufan waamicha taasiisan hordofee Koree olaanaan Ministeera Turizimiin durfamu gara hojiitti galuu ibsameera.

Waamicha dhaloota 2ffaaf taasiifame kana ilaachisee Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Kaayyoon saganticha walharkaa fuudhiinsi dhalootaa akka jiraatuu fi ammaa eegaleen maatii fi biyya argama isaanii akka baraniif ta’uu Ambaasaaddar Naasiseen ibsaniiru.

Waamichicha fudhachuun wayita gara biyyaa dhufan seenaa fi aadaa isaaniin akka baran, akkasumas waan qabaniin biyya akka tajaajilan ni taasiifama jedhan Ambaasaaddar Naasiseen.

Haaluma kanaan biyya erga baranii beeksiisuun damee Turizimii akka tumsanii fi biyyaaf ambaasaaddara akka ta’an kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Zaman Bayyanaa fi Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment