Waaliyaawwan har’a Fara’oonoota waliin taphatu

Waaliyaawwan har’a Fara’oonoota waliin taphatu

Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a tapha gulaallii Waancaa Addunyaa 2026 ramaddii 5ffaa garee biyyaalessaa Ijipti waliin taphata.

Waaliyaawwan taphoota hanga ammaatti taphataniin qabxii 3 qofa walitti qabachuun ramaddicharraa sadarkaa 5ffaarratti argamu.

Fara’oonoonni ammoo qabxii 10’n ramaddicha dursaa jiru.

Taphni ramaddii 5ffaa kun har’a halkan sa’aatii 6:00 irraa jalqabee Moorookoo Istaadiyeemii Laarbii Zaawutti taphatama.

Ramaddii kana keessatti kan argaman Burkiinaafaasoo fi Jibuutiin galgala sa’aatii 1:00 irraa jalqabee waliin falmatu.

Tapha halkan edaa taphatameen ammoo Seeraaliyooni galchii 3 fi 1n Giinii Biisaw injifatte.

Kana hordofee Seeraaliyoon qabxii 8 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaa qabachuu dandeesserti.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment