Waajjirri Qonnaa godinichaa paamppiiwwan bishaanii 155 qonnaan bultootaaf kenne

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC)- Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa paampiiwwan bishaanii 155 qonnaan bultootaaf kennuu ibsame.

Paampiiwwan qonnaan bultootaaf kennaman kunneen misooma jallisii ammayyeessuun oomishaa fi oomishituummaa qonnaan bultootaa dabaluuf gargaara jedhameera.

Paampiiwwan Waajjira Qonnaa Godinichaan qonnaan bultootaaf kennaman kunneen paampii godinicha keessa jiru gara 650 kan guddisu, lafa heektaara 1500 ol ammoo kan misoomsuu ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Misooma Buna, Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa Obbo Ascannaaqii Admaasuu ibsaniiru.

Bulchaan Godinichaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii gamasaaniin, paampiiwwan qonnaan bultootaaf kennaman kunneen oomishaa fi oomishitummaa godinichaa dabaluuf qooda guddaa qabaachuu ibsuu isaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment