Waajjirri Muummee Ministeeraa magaalaa Shaashamanneetti ijaarsa manneen namoota harka qalleeyyii eegalchiise

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Waajjirri Muummee Ministeeraa fi dhaabbilee itti waamamoon hojii tola ooltummaa waqtii gannaan magaalaa Shaashamanneetti ijaarsa manneen namoota harka qalleeyyii eegalchiisuu ibsame.

Mootummaa fi uummanni wal deeggarraan rakkooleen hin furamne kan hin jirre ta’uu Waajjira Muummee Ministeeraatti Ministir Deetaan damee Hordoffii Piroojektoota Biyyaalessaa Warquu Guanguul ibsaniiru.

Waajjirri Muummee Ministeeraa fi dhaabbileen itti waamamoon tajaajila tola ooltummaa ganna baranaatiin magaalichatti manneen namoota harka qalleeyyii 35 haaromsuuf sochii taasisaa jiraachuu ibsameera.

Guyyoottan lamaan itti aananittis godina Arsi Lixaa aanaalee lamatti barattoota maatiin isaanii harka qalleeyyii ta’aniif meeshaalee deeggarsa barnootaa Birrii miiliyoona 7 kan taasifamu ta’uu eerameera.

Kantiibaan Magaalaa Shaashamannee obbo Washoo Kadir, dhaabbileen federaalaa manneen namoota harka qalleeyyiifi deeggarsa barbaadanii haaromsuuf magaalaa Shaashamannee waan filataniif galateeffataniiru.

Saganticharratti Ministiroonnii fi qaamoleen dhimmamtootaa kan argaman yoo ta’u, hojii haaromsa manneenii kanarratti sektaraaleen waajjira mootummaa federaalaa 16 kan hirmaatan ta’uu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment