Waajjirri Giiftii Duree warshaalee daabboo fi daakuu magaaloota 10 keessaatti ijaaruuf waliigalte mallatteesse

Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)- Waajjirri Giiftii Duree fi Miidirook Invastimantii Giruuppiin ijaarsa warshaalee daabboo fi daakuu magaaloota 10 keessaatti ijaaruuf sanada waliigalte mallatteessaniiru.

Proojektichi magaaloota 10 keessaatti kan ijaarramaan yoo ta’u, warshaa daabboo fi daakuu iddoo tokkootti kan qabatuudha jedhameera.

Warshaaleen kunneen tokkoon tokkoon isaanii guyyatti daakuu kuntalaa 400 kan oomishaanii fi daabboo kuma dhibba 3 tolchuuf dandeetti qabu jedhameera.

Magaaloota kudhaan keessaas hojjetamanii xumuramuuf baatiiwwan 12 ramadamaniiruuf.

Proojektiiwwan kunneen fedhii daabboo magaaloota guutuurra darbee namoota kuma 1 fi 200 carraa hojii ni uumuu jedhameera.

Ijaarsa proojektiiwwan kanaafis Birrii miiliyoonni 800 ramadameera.

Warshaaleen kunneen kan ijaarramaan magaaloota Samaraa, Jigjigaa, Hararii, Naqamtee, Gondaar, Dassee, Asoosaa, Hawaasaa, Walayiittaa Soddoo fi Boongaadha jedhameera.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment