Waajjirichi dhaabbilee marsaa 14ffaan piroojektii Maaddii Dhalootaaf deeggarsa taasisan ifoomse

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015(FBC)- Waajjirri Muummee Ministiraa dhaabbilee marsaa 14ffaan Maaddii Dhalootaaf deeggarsa taasisan ifoomseera.

Dhaabbileen kunneen deeggarsa Birrii miiliyoona 30- miiliyoona 5 taasisuu ragaan argame ni mul’isa.

Dhaabbileen marsaa kanaan deeggarsa taasisan Dhaabbata Ijaarsaa Ooviid, Dhaabbata Daldalaa Qonna Ityoophiyaa, Intarpiraayizii Oomishaafi Dhiyeessii Meeshaalee Barnootaa, Alamaayyoo Katamaa, Dhaabbata Daldalaa MSA, Dhaabbata Ijaarsaa ASER, ANTEX Teekistaayil, Koorteeviyaa Paayoonar, Haansaa Giruup, Dhaabbata AQ Rose, Hambarg Roses, Arvind Life style Apparel Manufacturing, Kenticha Mininig, China Railway 21st Engineering Giruupfi Huwaei ta’uu eerameera.

Hanga ammaatti sagantaa galii walitti qabuu Maaddii Dhalootaaf Birrii biiliyoonni 7fi miiliyoonni 401fi kumni 625fi 232 walitti qabameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment