Waa’ee Utaalloo Tibbanaa

Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Dhibeen utaalloo uumamaan kutaalee hargansuu kanneen akka funyaan, qoonqoo fi ujummoo qilleensaa kan miidhuu fi dhibee namarraa namatti daddarbuudha.

“Vaayirasiin Riinoo” utaalloon akka uumamuuf sababa yoo ta’u, vaayrasiiwwan ‘Koronaa’, ‘Infiluweenzaa’, ‘Paaraa Infiluweenzaa’, ‘RSV’n ammoo utaalloo fi dhukkuboonni walfakkaatan biroon akka uumamaniif sababa ta’uutu ibsama.

Vaayirasiiwwan kanneen keessaa ‘Riinoo Vaayirasiin’ %50 utaloon umamuuf gumaacha akka qabu eerameera.

Haalaa qilleensaa jiidhinaa qabuu fi gogaa ta’e tishuu funyaan keessaa waan gogsuuf dhibeen utaalloo fi hammi namaa namatti daddarbuu akka dabalu qorannoowwan damicharratti gaggeeffamaan ni mul’isu.

Waqtiin Gannaa yookaan yeroon roobaa xumuramuu hordofee baatiiwwan Fulbaanaa, Onkololeessa fi Sadaasaa dhibeen akka utaalloo fakkaatu kan mul’ataniidha.

Dhibechi namni vaayirachaan qabame, wayita qufa’uu yookaan haxxiffatu kan daddarbu yoo ta’u, qabannoo balbalaa, teessumaa vaayirasichi irraa qubate yookaan wantoota harki dhukkubsataa tuqe erga qabataniin booda afaanii fi funyaan yoo tuttuqan daddarbuu vaayirasichaaf haala mijataa ta’uu ragaan Hospitaalaa Phaawuloos irraa argame ni mul’isa.

Dhibeen utaalloo yoo xiqqaate hanga torbee lamaatti kan namarra turu ta’uu fi mallattooleen argisiisuus dhangala’aan funyaanii baay’achuu, qufaa, hoo’a qaamaa, mataa dhukkubbii fi qoonqoo keessa nyanyaachuu, haxxiffannaa, ija hooqsisuu fi diimachuu, ol guuruu, harganuu dadhabuu, dadhabbii olaanaa fi fedhiin nyaataa hir’achuu fa’aan kanneen eeramaniidha.

Eeggannoo barbaachisaan yoo hintaasifamne carraan babal’achuu dhibechaa dabaluu akka danda’uu, keessumaa daa’immaanii fi maanguddoonni adda durummaan dhibechaaf kan saaxilaman ta’uun ibsameera.

Dhibeewwan akka michii sombaa, sukkaara, kaansarii fi dhibamtoonni dhibee bubbulaan qaban eeggannoo olaanaa taasisuu akka qaban, yoo hammaate gara dhaabbilee fayyaa deemuun qorannoo dhibee barbaachisaa taasisuu akka qaban akeeka.

Dabalataan dhibeen utaalloo, infeekshinii gurraa fi michii sombaa dabalatee dhibeewwan garaagaraaf nama saaxiluu akka danda’u amanama.

Qulqullina harkaa eeggachuu, naannawaa namoonni heddummaatanitti haguugduu funyaanii (Maaskii) uffachuu, qulqullina meeshaalee naannawaa keenyaatti itti fayyadamnu qulqulleessuu fi geejjiba ummataa irratti foddaawwan banuun qilleensi gahaan akka galu taasisuun, daddarbuu dhibechaa ittisuun akka danda’amu eerameera.

Namni mallattoon dhibechaa irratti mul’atus dhaabbata fayyaa isatti dhiyoo deemuun qorannoo fi wal’aansa barbaachisaa taasisuu akka qabu hubachifameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment