Waa’ee Malkaa Qunxurree Kana Beektuu Laata?

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)-Malkaan Qunxurree, Finfinneerraa gara Kibbaa km 50 Sulula Laga Awaash ol’aanu keessa, Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti argama.

Lafa hektaara 36 irra qubatee kan jiruudha.

Iddoon seena qabeessi kun bara 1963 lammii Niizerlaandi G. Dekker jedhamuun qorannoon argame.

Gareen Arkiyooloojistootaa faransaay Pirofeesar jiin Chaaveelooniin durfamu ammoo bara 1965 qorannoo gaggeessun bakkichatti meeshaalee dhagaa dhalli namaa bara durii itti fayyadamaa turan argachuu danda’eera.

Iddoon seena qabeessi Malkaa Qunxurree jijjiirama adeemsa guddinaa dhalli namaa keessa darbee as gahee fi jiraachuuf wanta inni hojjechaa turee fi meeshaalee inni itti fayyadamaa ture golambaa Malkaa Qunxurree keessaatti kan argamuudha.

Hambaan lafee dhala namaa garagaraa dabalatee hambaan bineensotaa kanneen akka Roobii fi Gafarsaa akkasumas simbirootaas ni argamu.

Dhalli namaa bara dhagaa keessa maal akka hojjechaa turanii fi maaliin akka hojjetaa turan golambaa kana keessatti argama.

Sulula Malkaa Qunxurree kanatti iddoowwan 65 argaman keessaa iddoowwan 30 ta’anitti qorannoo gaggeeffameen hambaalee lafee dhala namaa fi meeshaalee dhagaa dhalli namaa itti fayyadamaa turan argameera.

Biyyoon naannoo kana jiru faana miila nama fi bineensota durii kan qabuudha.

Kanaanis Umurii hanga waggaa miiliyoona 2.5 kan lakkoofsisan lafeen namaa fi bineensotaa akkasumas dhagaalee akka meeshaatti faayidaarra oolaa turan kan argamaniidha.

Iddoon seena qabeessa kana beeksisuun,bakka hawwata tuuristootaa fi qorannoo akka ta’uuf hojjetamaa turuun ni yaadatama.

Naannoon kun Finfinneerraa kiiloo meetira 50 fagaatee Daandii Asfaaltii gara Buttaajiraa geessu ganda Awaash Malkaatti argama.
Guyyaa har’aas Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO) hambaa Kiliyyaa 12ffaa Itiyoophiyaa ta’uun galmaa’e.

Madda:Maddeen Garaagaraarra

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment