Waa’ee Hidha Haaroomsaarratti Paartiilee siyyaasaa waliin mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012(FBC) – Waa’ee Hidha Haaroomsaarratti ga’ee Paartiilee siyyaasaa ilaalchisee mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
 
Waltajjichi Mana Maree Waloo Paartiilee Siyyaasaa fi Mana Maree Qindeessaa hirmaannaa ummataa Hidha Haaroomsaa Ityoophiyaan kan qophaa’eedha jedhame.
 
Waltajichi garaagarummaa siyyaasaa cinaatti dhiisuun dhimma biyyaarratti tokkummaan dhaabbachuuf ejjennoo qabnu kan itti muul’isnuudha jedhan, walitti qabaan Mana Maree Waloo Paartiilee Siyyaasaa Ityoophiyaa obba Muusaa Adam.
 
Maricharratti Ministirri Ministeera dhimma alaa obbo Gadduu Aandaargaachoo fi Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan argamaniiru.
 
Ijaarsa hidha haaroomsaarratti ga’ee, deeggarsa fi hirmaannaa paartiileen siyyaasaa qabanii fi faayidaa biyyaalessaarratti bal’inaan kan mari’atamu ta’uu ibsameera.
 
Hojii diippiloomaasii hojjetamaa jiruu fi marii sadee taasifamaa jirurrattis gadi fageenyaan ibsi ni laatame jedhameera.
 
Haabtaamuu Taklasilaaseetu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment