Finfinnee, Sadaasa 10, 2017 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen har’a Mana Maree Bulchiinsa Magaalichaaf dhimma gibira kaffaluu fi wayita bittaa fi gurgurtaa nagahee kennuu ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Ibsa kennaniinis Markaatootti daldalli seera qabeessaa akka gaggeeffamuu fi daldaltoonni wayita bittaa fi gurgurtaa raawwatamu nagahee akka kennan to’annoo fi hordoffii taasisaa jiraachuu dubbatan.
Akka biyyatti sirna daldalaa waarinaan sirreessuuf tattaaffiin taasifamu qorannoorratti hundaa’uun hordoffii taasisaa jiraachuu eeruun, argannoo qorannichaan hojmaanni seeraan alaa hedduun akka jiran abuuruu kaasan.
Haaluma kanaan hojmaanni walakkaan gibira kaffalaa kaan ammoo hinkaffalee jiraachuu marii daldaltoota waliin taasifamee fi hordofffii gaggeeffameen hubachuu himan.
Gibira akka kaffalaniifi nagahee akka kennan taasisuuf hojiilee hojjetamanirratti olola gaggeeffameen burjaaja’uun mankuusaawwan cufuu, halkan meeshaalee wayita fe’an mul’achuu kaasan.
Kun dogoggoraa ta’uu kaasanii, Gibirri, bu’uuraalee misoomaa diriirsuu fi Magaalaa Finfinnee miidhagsuuf , barattootaa fi humna dhabeeyyii nyaachisuuf akkasumas ijaarsa biyyaaf kan oolu ta’uu akeekaniiru.
Fuuldurattis sirna seera qabeessaa diriirsuu fi bittaa fi gurgurtaa gaggeeffamu hundaatti nagaheen akka citu taasisuun Gibira sirnaan walitti qabuun cimee kan itti fufu ta’uu himaniru.