Waadaa kabajuu fi raawwachuun hojii ijoo hooggansa jijjiirramaati-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 29, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimid har’a Warshaa Sukkaaraa Xaanaa Balas eebbisiisun hojii jalqabsiisianiiru.

Sirna eebba proojekticharrattis haasaa taasisaniin waadaa kabajuu fi raawwachuun hojii ijoo hooggansa jijjiirramaati jedhaniiru.

Ityoophiyaa hojiiwwan seenaashee, aadaashee fi ijoolleeshee walitti araarsaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ijaarsa Hidha haaromsaa guddichaa xumursiisuun misooma Ityoophiyaa mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Ityoophiyaa uumama waliin walitti araarsuuf Ityoophiyaanoonni hirmaannaa ashaaraa magariisaa fi maaddii biyyaarratti taasisaan cimsanii itti fufuu qabu jedhaniiru.

Humnoota alaa fi keessaa Ityoophiyaarratti duulan ittisuun hojiiwwan eegalaman xumuruun barbachiisaa ta’uu Dooktar Abiy Ahimad himaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment