Vilaadmiir Putiin baatii dhufu Pireezidaantii Chaayinaa waliin mari’achuufi

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC )-Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin baatii dhufu Chaayinaatti daawwanaa akka taasiisan eerame.

Barreessaan Mana Maree Nageenya Biyyaleessa Raashiyaa Nikoolay Patruusheev Putiin baatii dhufu keessaa Pireezidaanti Chaayinaa Shii Jiin Piing waliin Beejingitti akka wal argan ibsaniiru.

Dureewwan lameen baatii Faranjoota dhufutti kan gaggeeffamuuf jiru yaa’ii tumsa Idil addunyyaa cinaatti Sagantaa ’’Belt and Road’ irrattis ni mari’atuun jedhameera.

Marii isaaniin dhimmoota gamlamee fi idil Addunyaa irratti akka mari’atan ni eegama.

Daayrektarri Dhimmoota hariiroo Alaa Paartii Komiinistii Chaayinaa Waang Yuun, biyyoonni lameen, qajeeltoo walkabajuun, dhimmoota keessoo gidduu seenuu dhiisuu fi waltajjiiwwaan Idil Addunyaa waltumsa irratti kan hundaa’ee ta’uu ibsaniiru.

Patruusheev, Mooskoon dhimmoota keessoo Chaayinaa keessaa kan hingalee fi deeggarsa kan taasistu ta’uu eeruu RT’n gabaaseera.

Waangi Yuun gamasaaniin, biyyi isaanii michuummaa biyyoota lameeniifi tumsa waltajjiiwwan Idil Addunyaarratti qabaniif deeggarsaa taasisuuf murannoo qabdi jedhan.
Raashiyaa fi Chaayinaan waggoottan dhiyoo as hariiroon gama siyaasaa fi dinagdeen qaban dabalaa dhufuun gabaafameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment