Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) -Vaayrasii koroonaa fi mallattoolee isaa.
Vaayrasiin koroonaa maalidha?
Akka ibsa Dhaabbata Faayyaa Addunyaatti vaayrasiin koroonaa vaayirasii bifa utaalloo yoo ta’u, utaalloo sadarkaa xiqqaarraa hanga miidhaa cimaa qaqqabsiisuu malutti vaayreesii babal’achuu danda’udha.
Vaayirasiin kun namaa fi bineeldota gidduutti kan daddarbudha. Fakkeenyaaf vaayrasiin SARS adurreerraa gara namaatti darba jedhameet amanama. Vaayrasiin MERS ammoo gaalarraa gara namaatti kan darbudha.
Koroonaa vaayiras jechi jedhu jecha Laatiinii “Koroonaa” jedhurra kan dhufedha.
Mallattooleen vaayirasii Koronaa kanaa maal fa’i?
Akka ibsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti mallattoolee infeekshinii kan qabu yoo ta’u, ho’inni qaama dabaluu, qufaasisuu, afuura kutuu fi rakkinoota hargaansuu mudachuu fa’i.
Vaayirasiin kun dhukkuboota cimaan nama ga’uu danda’u. Fakkeenyaf rakkina sirna hargansuu, kaleen hojii akka dhaabuu fi du’as kan qaqqabsiisudha.
Gabaasonni garagaraa akka muldhisanitti, akka dhibeen vaayirasii koroonaa itti uumamee beekkamuu yoo baateyyu, guyyoota 10 hanga 14 gidduutti kan uumame akka ta’e maddeen garagaraa ni addeessu.
Dhibeen kun dhuma baatii Sadaasaa bara Faranjoota 2019 giddugala Chaayinaa bulchiisa Wiiyaanitti kan mul’ate yoo ta’u, ariitiin kutaa biyyattii biroo fi biyyoota garagaraatti babal’achaa dhufeera.
Dhibeen kun Ameerikaa fi biyyoota addunyaa garagaraatti babal’achaa kan jiru yoo ta’u, Chaayinaan magaalota dhibichi keessatti mul’atan guutumaan guutuutti baballiin isaanii akka cufamu gootee jirti.
Tajaajilli geejjiba hawaasaa akka lakkoofsa biyyatti sa’aatii 10:00 irraa eegalee buufannii baaburaa fi xiyyaaraa imaltoota keessummeesuun muddaman duwwaa turan.
Qondaaltonni fayyaa biyyattii namoonni magaalicha jiraatan waan funyaanitti keewwatan irraanfatanii akka hin baane hawaasa akeekkachisaniiru. Namoonni akka walitti hin qabamne gorseera.
Maddi: Aljaziira