Vaayrasiin koroonaa jeequmsa sammuu uumaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Chaayinaa magaalaa Hoong Koongitti vaayrasiin koroonaa namoota hedduurratti jeequmsa sammuu uumaa jiraachuun himame.

Hoong Koongitti hanga ammaatti namoonni dhibba tokko vaayrasichaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni lama ammoo du’aniiru.

Bara Faranjootaa 2003 bulchiinsichuma keessatti dhibeen saars namoota 300 ta’an ajjeeset ture.

Sababii kanaan jiraattonni Hoong Koong seenaan darbe sun nutti deebi’aa laata jechuun jeequmsa sammuu keessa galuun isaani himameera.

Vaayrasiin koroonaa uumamuun walqabatee muddamaa fi jeequmsa sammuu ka’umsa godhachuun qorannoo kan hojjete Yuunvarsiitin Hoong Koong beektonni magaalichaa 1/3 ta’an jeequmsi sammuu yoo isaan mudatu, namoonni %11  ta’an ammoo mukaa’u keessa galaniiru jedha.

Jiraattoni Hoong Koong kuma 10 ta’an hojii isaanii mana jireenyaa isaanii taa’anii kan hojjetan yoo ta’u, nyaataa fi wantoota barbaachisoo mana keessatti kuusa jiraachuun ibsameera.

Dhiyeessiin uffata fuula ittiin haguuggatanii fi harka ittiin qulqulleeffatan yeroo dheeraaf rakkoo ture jedhameera.

Maddi:- BBC

 

Comments (0)
Add Comment