Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Dhibee vaayrasii koroonaa.
Dhibeen kun dhuma baatii Sadaasaa bara Faranjootaa 2019 giddugala Chaayinaa bulchiisa Huubeyitti kan mul’ate yoo ta’u, ariitiin kutaa biyyattii biroo fi biyyoota garagaraatti babal’achaa dhufeera.
Vaayirasiin kun erga qaama namaa seenee booda guyyota 2 hanga 7 gidduutti mallattoo argisiisuu eegala.
Walumaa galatti namoota vaayirasiin kun qaama isaanii seene keessaa hanga %95 ta’an hanga guyyaa 10tti mallattoo argisiisuu eegalu.
Vaayirasiin kun erga sirna hargansuu namaa hubee booda mallatoolee akka: ho’iinsa qaamaa, qufaa, hol’achiisuu, qaama caccabsuu, laphee gubaa fi mataa dhukkubbii argisiisuu eegala.
Vaayrasii koronaa akkamiin ofirraa ittisuu dandeenyaa gaaffi jedhuuf;
- Harka keenya saamunaa fi bishaan qulqulluun dhiqachuu.
- Harka hin dhiqamiiniin ija keenya, afaan keenyaa fi funyaan keenya tuttuqquu dhiisuu.
- Nama dhukkuba kanaan qabametti baay’ee siquu dhiisuu.
- Yoo dhukkubsanne, yoo qufaanu yoo argame haguuggii afaanii godhachuu, yoo sun dhabame ammoo afaan keenyaa fi funyaan keenya huccuudhan haguugnee qufa’uu.
Maddi: Aljaziira