Vaayrasiin koroonaa biyyoota Afrikaa 35 keessatti kan muul’ate

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Vaayrasiin koroonaa biyyoota Afrikaa 35 keessatti kan muul’ate yoo ta’u, namoonni 733 dhibee kanaan qabamaniiru.

Gibtsitti qofa namoonni 210 qabamuun himameera.

Afrikaa Kibbaattis namoonni 150 qabamaniiru jedhame.

Yeroo ammaatti Xaaliyaanii fi Ameerikatti daran hamaachaa jira jedhame.

Xaaliyaanitti namoota kuma 41 qabaman keessaa namoonni kumni 3 fi 405 du’aniiru.

Xaaliyaanitti namoonni du’an kan Chaayinaa caalera jedhame.

Ameerikaatti guyyaa tokko keessatti namoonni kumni 5 dhibee kanaan qabamaniiru.

Biyyattiitti waliigala namoota kuma 13 fi 678 qabaman keessaa namoonni 188 du’aniiru.

Waliigala addunyaarratti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 45 ol yoo qabaman namoonni kumni 10 fi 20 du’aniiru.

Dhibeen kun diinagdee addunyaarrattis miidhaa hammaataa geessisaa jira jedhame.

Afrikaatti qofa torbe lama keessatti daandiiwwan qilleensaa Afrikaa Doolaara biiliyoona 4.4 kasaraniiru himameera.

Maddi:-CGTN, Reuters fi BBC

 

Comments (0)
Add Comment