Vaayrasiin Iboolaan wal fakkaatu ‘Marburg’ jedhamu Giinii keessatti argame

Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC)- Vaayrasiin Iboolaan wal fakkaatu ‘Marburg’ jedhamu Giinii keessatti namarratti argameera.

Aanga’oonni fayyaa Giinii Lixa Afrikaatti yeroo jalqabaaf vaayrasiin ‘Marburg’ namarratti argamuu mirkaneessan.

Vaayrasiin gosa vaayrasii dhibee Iboolaa nama qabsiisuu yoo ta’u daran hamaadha jedhameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa vaayrasichi otoo hin tatamsa’iin to’atamuu qaba jedheera.

Vaayrasichi simbira halkanii biqiltoota soorattuu (fruit bat) irraa kan nama qabudha jedhameera.

Vaayrasiin kun dhangala’aa qaama namaa keessaa bahuun namarraa namatti daddarba kan jedhame.

Nama dhiigsuu fi ho’ina qaama gar maleen du’aaf nama saaxila.

Saamudni dhukkubsataa du’erraa fudhatame laboraatooriiwwan Giinii adda addaa keessatti qoratamee vaayrasii ‘Marburg’ ta’uun mirkanaa’eera.

Biyyattiin namoota namicha du’e kana waliin tuttuqaa qaban adda baasuuf barbaacha eegalteetti.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment