Vaayrasiin dhibee Covid- 19 haaraan amma argame kan duraa caalaa % 70 saffisa qaba – Saayintiistoota

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Saayintistoonni vaayrasiin caaseffama qaccee isaa geeddare jalqaba ji’a kanatti qorannoo gaggeessaniin argamuu ibsaniiru.

 

Afrikaa Kibbaatti gosti Covid-19 haaraan jalqaba ji’a kanatti argame kun yaaddoo cimaa uumuu ibsameera.

Saayintistoonni biyyattii akka himanitti, vaayrasichi caaseffamnisaa vaayrasii Biriitaaniyaa keessatti argameerra adda ta’uu ibsaniiru.

 

Biriitaaniyaatti gosti vaayrasii koroonaa ”to’annoon ala ta’ee” fi saffisaan daddarbu mul’achuun isaa kan yaadatamuudha.

Vaayrasiin Afrikaa Kibbaatti argame kun caaseffama seelii dhala namaatti maxxanuuf isa fayyadu tokkicha kan qabu ta’us, saffisaan biyyattii keessatti tamsa’usaaf ka’umsa ta’uu mala jedhan saayintistoonni.

 

Qorattoonni kunneen akka himanitti, vaayrasiin caaseffama qacceesaa geddarate kun kan duraan barame caalaa %70 saffisaan daddarba.

 

Gosti vaayrasichaa jalqaba bulchiinsa Baha Keep Taawon keessatti kan mul’ate yoo ta’u, ergasii Dhiha Keep Taawon fi KiwaZulu-Naatalitti tamsa’eera.

 

Biyyattiin dambalii tamsa’iina vaayrasichaa marsaa lammaffaa keessatti kan argamtu yoo ta’u, weeraricha ittisuuf iddoowwan bashannanaa qarqara qaama bishaanii muraasni akka cufaman ajajje jirti.

 

Hanga ammaatti vaayrasichi sadarkaa akkamiirra yoo qaqqabe lubbuu namaa galaafachuu akka danda’u sirnaan hin baramne.

 

Vaayrasichi bu’a qabeessuumma talaalliwwan haaraa hir’isuu danda’uusaa adda baasuuf qorannoo dabalataatu barbaachisa jedhan ogeeyyiin.

 

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment