Vaayrasii koroonarratti qorannoo kan gaggeessu koreen addaa qorannoo fi sakkattoo hundaa’e

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Koreen addaa qorannoo fi sakattoo biyyaalessaa Vaayrasii koroonarratti qorannoo gaggeessu hundaa’uu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo beeksise.
 
Koreen addaa kun dhaabbilee Saayinsii fi barnootaa olaanoo, qaamoolee to’attootaa, waldaa ogeeyyii saayinsii,dhaabbilee alaa qorannoo saayinsii gaggeessan kan of keessatti hammateedha jedhame.
 
Miseensota kanneen waliin mariin gaggeeffamaa jiraachuu Ministir Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Proofeesar Afawarqi Kaasuun ibsaniiru.
 
Yeroo rakkisaa kanatti dhaabbileen saayinsii fi qorannoo dhimmoota biyyaalessarratti bifa qindoomina qabuun waliin hojjechuun daraan murteessaa ta’uus himaniiru.
 
Qorannoo koreen addaa kun gaggeessuun bu’aa argame ministeerichi torbee torbeen qaama dhimmichi illaallatu waliin erga irratti mari’atee booda hawaasan kan ga’u ta’uu ragaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoorraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana
Comments (0)
Add Comment