Vaayrasii Koroonaa Ittisuuf of eeggannoo barbaachisan taasisuun murteessadha

 

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Vaayrasii Koroonaa Ittisuuf of eeggannoo barbaachisan taasisuun murteessadha.

Vaayrasiin koroonaa baatii sadiin dura Chaayinaa bulchiinsa Hubee magaalaa Wiihaanii ka’uun biyyoota addunyaa garaagaraatti tatamsa’aa jira.

Yeroo ammaas biyyoota addunyaa 156 keessatti yoo muul’atu Afrikaattis biyoota 29 keessatti muul’ateera

Jimaataa darbee eegalee Ityoophiyaatti namoonni 5 dhibichaan qabamaniiru.

Dhibee kana ittisuuf of eeggannoowwan godhamuu qaban Inistiityuutiin fayyaa hawaasaa Ityoophiyaa ifomseera. Isaaniis:-

  • Alkoolii fayyadamuun qulqullina harkaa eeggachuu.
  • Harka qulqullina hin qabneen ijaa fi afaan tuquu dhiisuu.
  • Namoota biyyoota vaayrasiin kun itti muul’ateerraa dhufan tuttuquurraa of qusachuu.
  • Namoota dhibichaan qabamanirraa meetira 1-2 fagaachuu.
  • Waa’ee vaayrasichaa odeeffannoo ga’aa qabaachuu.
  • Vaayrasichaan qabamuu yoo of shakkitan waantoota gochuu qabdan:-
  • Ariitiin buufataalee fayyaa deemuun qorannoo barbaachisu taasisuu.
  • Guyyoota 14 dura biyyoota dhibichi itti muul’ateerraa yoo dhuftan ogeeyyii fayyaa hubachiisuu.
  • Yeroo qofaatanii fi haxxiffattan afaan keessan ciqilee, sooftii fi uffataan haguugaa.
  • Wantoota afaanii fi funyaan keessan ittiin haguugdan of eeggannoon bakka malutti gatuu yookaa bishaanii fi saamuun qulqulleessuu.
  • Nama mallattoon vaayrasichaa irratti muul’ate yoo agartan/dhageessan buufataalee fayyaa dhiyeenya keessanitti argamutti gabaasaa.

Dabalataan bilbila bilisaa 8335, bilbila idilee 0118276796, fi E-mail ephieoc@gmail.com fayyadamuun odeeffannoo fudhachuu fi kennuu dandeessu.

 

Comments (0)
Add Comment