Vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf Chaayinaan Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyan hojjechaa jiraachuu beeksiste

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf Chaayinaan Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyan hojjechaa jiraachuu beeksiste.
 
Ityoophiyaatti Imbaasiin Chaayinaa akka beeksisetti, mootummaan Chaayinaa vaayrasicha ittisuu fi to’achuuf walitti dhiyeenyan hojjechaa jirti.
 
Imbaasichi ibsa baasen akka beeksisetti, vaayrasichi ega muul’atee kaasee mootummaan Chaayinaa ittisaa fi to’annoorratti hojjechaa jira.
 
Mootummaa Ityoophiyaa waliinis tumsaan hojjechaa jiraachuu eerera.
 
Lammiileen Chaayinaa gara Ityoophiyaa dhufan imala isaanii karaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletiin akka ta’uu qabus ibseera.
 
Daayreektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addynyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom vaayrasiin koroonaa ariitiin babal’achaa dhufuun, sodaa fayyaa addunyaa ta’uu beeksisuun isaanii ni yaadatama.
 
Mootummaan Chaayinaa weerara vaayrasichaa ittisuu fi to’achuuf hojjechaa jiraatus, xiyyeeffannaa fi tumsa hawaasa idil addunyaa kan barbaadu ta’uu beeksisuun isaanii ni yaadatama.
 
Dhibichi yammuu eegalu ho’ina qaamaa dabaluudhan, qufaa gogaadhan dabaalamuudhan afuura nama kuta.
 
Comments (0)
Add Comment