Vaayarsii koroonaa ittisuuf imaammatoonni mana keessa akka turamuuf darbaan biyyoota 11tti lubbuu namoota miiliyoona 3 du’arraa hambiseera

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2012 (FBC) – Vaayrasiin koroonaa addunyaarratti erga uumamee as addunyaarratti namoonni miiliyooma 7 ol kan qabaman yoo ta’u, namoonni kuma 400 ol ammoo lubbuun isaanii darbeera.

Vaayrasichi erga addunyaarratti uumamee as biyyoonni addunyaa garagaraa tattamsa’ina vaayrasichaa ittisuu fi hir’isuuf tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa turaniiru.

 

Tarkaanfiwwan fudhatama keessa namoonni mana akka hin bane kan dhorku sochii cimaa dhorka kan kaa’e ‘’imaammanni mana keessa turuu ‘’ isa tokko ta’uu ni beekama.

 

Qorannoo torbee kana hojjetame akka mul’isutti biyyoonni Awurooppaa 11 sochii hawaasaa daangessuun miidhaa cimaa qaqqabuuf ture lubbuu namoota miiliyoona 3 du’arraa hafuu dandeesiseera.

 

Koollejjii Impeeriyaal Landanitti argamu qorannoo taasiseen lammiileen biyyatti manaa akka hin bane dhorka kaa’ameen tattamsa’ina vaayrasii koroonaa yeroo gabaabatti ittisuun danda’ameera.

 

Imaammata mana keessa turuu Jarmaan, Faransaay, Xaaliyaan, Biriitaaniyaa, Beeljiyaam, Ostiriyaa, Deenmaark, Noorweey, Swiidiin fi Swizarlaand dabarsaniin miidhaa vaayrasiin koroonaa qaqqaabsiisuun lubbuun namoota miiliyoona 3.1 du’arraa akka olle qoranichi ifoomseera.

 

Biyyonnii kunneen tarkaanfiwwan kan otuu hin fuhdanne ta’ee hanga baatii Caamsaa darbeetti qofaa namoonni vaayrasichaan qabaman miiliyoona 12 hanga miiliyoona 15 ga’uu akka danda’u qorannoon kun addeesseera.

 

Maddi፦ aljazeera.com

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment