Uwwisni bosona Itiyoophiyaa %23.6tti guddachuun eerame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC)-Uwwisni bosona Itiyoophiyaa %23.6tti guddachuun eerame.

Sagantaa jalqabbii duraa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2016 gaggeeffameera.

Itiyoophiyaan waggoottan shanan darban bara 2011 kan Ministeera Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin karoorfame Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggaa waggaan biqiltuu dhaabaa turuun ibsameera.

Saganticharratti gabaasni uwwisa bosona Itiyoophiyaa ifoomeera.

Dabalataan dokumantariin qabiyyee Ashaaraa Magariisaa biyyaalessaa fi bu’aan hojichaa eebbifamuun daawwatameera.

Gabaasaa uwwisa bosona Itiyoophiyaa waltajjicharratti dhiyaateen bara 2011 uwwisa bosona ture %17.2 Irraa gara %23.6’tti guddachuun ibsameera.

Waltajjicharratti Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy haasawaa taasisaniin guddina uwwisa bosona biyyattii itti fufsiisuun akka barbaachisu hubachiisuu ragaan Waajjira Ministira Muummee Irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment