Uwwisa tajaajila yaala Fayyaa dabaluuf hojjetamaa jira – Obbo Oordiin Badirii

Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti Uwwisa tajaajila yaala Fayyaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Preezdaantiin naannichaa obbo Oordiin Badiriin ibsan.

Naannichatti Buufanni Fayyaa Birrii miiliyoona 18 oliin ijaarrame eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’eera.

Mootummaan naannichaa gaaffii hawaasummaa fi diinagdee ummataa deebisuuf hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin naannaa Hararii obbo Oordiin Badiriin eeraniiru.
Qulqullina tajaajilaa mirkaneessuu fi uwwisa caalmaatti dabaluuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Buufata Fayyaa kana ijaaruun tajaajilaaf oolcuuf Birrii miiliyoonni 18 ol baasii ta’uu hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa naannichaa Dooktar Ibsaa Muusaa ibsaniiru.

Meeshaalee yaalaa fi qorichoonni tajaajila yaalaaf barbaachisan hundi guuttummaa himaniiru.

Dhaabbatichi tajaajila yaala baqaqsanii yaaluu dabalatee tajaajiloota yaalaa biroo kan laatu ta’uu eeruu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment