Uwwisa Oomisha Ruuzii hektaara miiliyoona 1 oliin gahuuf hojjetamaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)- Bara kana uwwisa omisha Ruuzii hektaara miiliyoona 1 oliin gahuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis, egereen badhaadhina Ityoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuudhaan dhugooma jechuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoota muraasa darban, tarkaanfiilee haaraa (new initiatives) garaagaraa bocaman hojiitti hiikuun, omisha kanaan dura baay’inaan alaa galfamaa turan hambisuu fi xiqqeessuun cinaatti, adeemsi wabii nyaataa biyyattii mirkaneessuu karaa milkii akka qabatu tumsaa jira jedhan.

Inisheetiivii qonna Ruuzii waggoota lama dura hektaara kuma 6 gadiin jalqabames bara darbe hektaara kuma 100 oliin gahuun akka danda’ame eeraniiru.

Bara kanattis uwwisni omisha Ruuzii hektaara miiliyoona 1 oliin gahuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru ta’uu Obbo Shimallis kaasanii, Ganna kana qofa lafa hektaara kuma 700 ol qopha’een, hanga ammaatti lafa hektaara kuma 652 irra Ruuziin facaafamuu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment