Uummattoonni naannoo Kibbaa biyya baraaruuf tattaaffii taasifamuurratti akka hirmaataniif waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Uummattoonnii fi hoggantoonni naannoo Kibbaa biyya baraaruuf tattaaffii taasifamuurratti akka hirmaataniif Mootummaan Naannichaa waamicha dhiyeesseera.
Dargaggoon naannichaa gooticha raayyaa ittisa biyyaatti akka makaaniif waamichi dhiyaateera.
Uummattoonni hundi diinaa qolachuuf gurmaa’aanii naannoosaanii akka eegaan deeggarsa hunda galessaa akka taasisaniif waamichi dhiyaateera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uumataa Naannoo Kibbaa haala qabatamaa biyyaarratti ibsa laateera.
Saba fi sablammoonni naannichaa garee shororkeessaa ABUT diinaa Ityoophiyaa ta’ee shiraasaa fashaleessuuf birmaddummaa biyyatti mirkaneessuuf qooda fudhattoota jalqabaa akka ta’aan ibseera.
Gareen shororkeessaa ABUT guutuu biyyattitti lammiilee nagaa ajjeessuun,shira walitti bu’insa waliinii xaxuun,diinota alaa waliin ta’uun diina biyyatti ta’uusaa gochaan agarsiiseeras jedha ibsichi.
Gareen shororkeessaa ABUT diina alaa oliitti kabaja Ityoophiyaa kan salphisedha jedhe Mootummaan Naannoo Saboota fi sablammoota fi Ummattoota Kibbaa. Garee shororkeessaa kana haleeluun dhimma filannoo hin qabne ta’uun uummanni Naannichaa hundi garicha barbaadeessuuf gaheesaanii akka bahatan waamicha
dhiyeesseera.
Abbootiin keenya biyya dhiigaa fi lafee caccabsuun nuuf tursiisan eenyuyyuu lafarraa ka’ee garee shororkeesummaa hundeessuun diiguu hin danda’us jedheera. Qabeenya ofii irraa hidhamuun, ari’amuun, du’uun, garee shororokeessaa kanaan saamamuu fi gochi sukkanneessaa akka dhaabbatuuf birmadumma biyya keenyaa cimaan fi miira ‘na hin xuqiin jedhuun qabsa’uun akka barbaachisus himameera.
Kana waan ta’eef ummattoonni Naannichaa ergamtoota garee shororkeessichaa fi lootee seentoota hordoofuu fi Naannoo keessan yeroo kamiyyuu caalaa dammaqinaan eeguu, deeggarsa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa adda waraanaatti aarsaa kaffalaa jiruuf, humnoota addaa Naannichaaf, miilishoota fi lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif taasisaa turan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeesseera.
Dhuma irrattis Ummanni Naannichaa qindaa’uun Naannoosaanii akka eegan, Hoggansi sadarkaa sadarkaan jirus qaamolee nageenya naannichaa fi dargaggoota qindeessuun akka gara adda waraanaatti hirmaatu fi diina qolachuun biyya akka baraaru sosochoosuu akka qaban Waamicha dhiyeesseera.
Hogganisi sadarkaan jirus dargaggootaa fi uummata qindeessuun adda durummaan akka tumsu fi injifannoo hin oolleef waan qabnu hunda osoo hin hambisiin diina qolachuu fi biyya baraaruuf qabsoo taasifamuuf dursa kennuun akka sosochoosu Manni Maree Naannichaa murteesseera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment