Uummattonnii fi mootummaan naannoo Affaar meeshaalee nyaata Birrii miiliyoona 9 tilmaamu naannoo Tigraayif laatan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC)- Uummattonnii fi mootummaan naannoo Affaar meeshaalee nyaata Birrii miiliyoona 9 tilmaamu naannoo Tigraayiitti argamuun laataniiru.
Deeggarsicha itti aanaa preezdaantii naannoo Affaar obbo Elaamaa Abubakaar dabalatee abbootii amantaa fi jaarsooliin biyyaa Maqaleetti argamuun bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayif laataniiru.
Meeshaaleen nyaata kunnen Ruuzaa, daakuu, Sukkaaraa fi teemirii yoo ta’uu, waliigala kuntaala kuma 1 fi 700 ta’uu ibsameera.
Hoji gaggeessaa olaanaa bulchiinsa yeroo naannichaa Dooktar Muluu Naggaan deeggarsa taasifameef maqaa uummattoota naannoo Tigraayiin galateeffataniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment