Finfinnee,Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Mootummaan naannoo Amaaraa ummanni tokkummaa keessoo isaa cimsuun olaantummaa seeraa kabachiisuuf tattaaffii taasifamu tumsuu akka itti fufu waamicha dhiyeesseera.
Mootummaan Naannoo Amaaraa tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamaa jiru ilaalchisee ibsa laateera.
Mootummaan naannichaa dirqama seeraa fi sirna kabachiisu qabu ba’uuf seera kabajee olaantummaa seeraa mirkaneessuuf kan hojjetu ta’uu ibseera.
Naannoo Amaaraatti jeequmsi, walitti bu’iinsi akka babal’atuu fi alseerummaa dagaagsuun uummata tasgabbii dhorkuu fi walitti bu’iinsi walwaliinii akka uumamu qaamoleen ummata keessa dhokachuun tokkummaa isaa laamsheesan diina keessaa ta’anii argamuu ibseera.
Mootummaan hojiilee olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjechaa jiru obsaan, of eeggannoo,tasgabbii fi seerarratti hundaa’uun hojimaata barsiisuuf dursa laateen tattaaffii taasisaa jiraachuu himeera.
Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiru kaayyoonis ta’ee adeemsaan nageenyaa ummataa fi biyyaa mirkaneessuu ta’uu isaa hubachuun ummanni Amaaraa tattaaffii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiru tumsuuf tokkummaa keessoo isaa cimsuu akka qabu waamicha dhiyeessera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.