Uummanni Oromoo uummata Tigraayiif deeggarsa midhaanii Birrii miiliyoona 45’tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Uummanni Oromoo duudhaa qabuun uummataTigraayiif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 45’tti tilmaamam taasiseera.

Jilli Abbootii Gadaa fi Abbootii Amantaan durfamu deeggarsa midhaan nyaataa uummata Oromoo irraa walitti qabame uummata Tigraayiif qabatee yeroo Naannicha gahu Magaalaa Maqaleetti simannaa ho’aan taasifameeraafi.

Jila kana waliin gara sanatti kan imalan Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo uummanni Oromoo duudhaa deeggarsaa qabuun uummata obbolaa Tigraayiif deeggarsa midhaan nyaataa gosa adda addaa Birrii miiliyoona 45’tti tilmaamamu qabatee Maqalee dhaquu himaniiru.

Hoggansi bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraayis deeggarsa uummanni Oromoo uummata Tigraayiif taasise galateeffataniiru.

Jilli Oromiyaarraa gara Naannoo Tigraay imale kun walitti bu’iinsa tureen jiraattota naannichaa rakkoof saaxilaman daawwateera.

Abbootiin Gadaa fi Abbootiin Amantaa naannoo Oromiyaa gama isaaniitiin, uummatni Oromoo uummata aadaa hammataa qabuufi yeroo rakkoofi gadadoo dhalattoota Tigraay naannicha keessa jiraatan rakkoo tokko malee ofitti qabee jiraachise ta’uu himuun ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Nagaan akka waarawuu fi uummanni naannichaa jireenya isaa idileetti hanga deebi’utti deeggarsa barbaachisu kan gumaachan ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment