Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC) – Ayyaana Irreechaa Qormaata Hedduun marfamnee Kabajamuuf jiru eenyuyyuu caalaa Uummanni Oromoo nageenyummaa isaaf ga’ee irraa eegamu ba’achuu qaba jedhameera.
Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadiitti kabajamuuf qophiin barbaachisu hunduu xumuramuu Qindeessaan koree qophii ayyaanichaa obbo Kabbadaa Deesisaa Ibsa miidiyaaleef har’a kennaniin himaniiru.
Uummata bal’aa Oromoo hundaan baga Ayyaana Irreechaa bara 2014 nagaan geessan jechuun ergaa isaanii eegalaniiru Obbo Kabbadaa Deesisaa.
Ayyaana kabajamaa fi guddaa kana wayita kabajni gama duudhaa isaa eeggateen kabajnee Uummanni Oromoo nagaa fi kan tokkummaa jaallatu akka ta’e uummata addunyaatti agarsiisuu qabna jedhan obbo Kabbadaan.
Abbootiin keenya yeroo hamaa fi bara dukkanaa keessa ta’anii Ayyaana Irreechaa dhoksaan kabajaa dhaloota har’aaf dabrsanii jiru isaaniif kabajatu malaaf kan jedhan obbo Kabbadaan.
Amma yeroo ayyaanni Irreechaa Ifee muul’ate kanatti ammoo akkaataa Duudhaa Ayyaanichaa eegeen Labsii Abbootii Gadaa eegnee ayyaanicha kabajuu qabnas jedhaniiru.
Keessumaa haala biyyi keenya keessa jirtu da’oo godhachuun Ayyanicha burjaajessuun akkasumas bakka lubbuun namaa itti darbu taasisuuf qaamolee socho’an jiraachuu danda’u kanaaf waliin taanee nageenyummaa Ayyaanichaa Mirkanneessuu qabna jedhaniiru.
Kabajni Ayyaana Irreechaa waggaa waggaan dhufu bakka sabaaf sablammoonnii fi uummattoonni Ityoophiyaa irraatti hirmaatanii gammachuu Uummata Oromoo waliin qooddatan ta’uu qaba malee Irreechi madda soda fi dirree jeequmsaa ta’uu hin qabu.
Kabaja ayyaanichaaf ammoo qaamoleen nageenyaa fi ogeeyyiin fayyaa qophii isaanii xumuranii jiru.
Dhaabbileen daldalaas Fuula Ifaadhaan Uummata keenya keessummeessuu qabu.
Waan nyaataa fi bakka bulan mijeessuudhaan waliin jireenya obbolummaa hojiin mirkanneessuu qabu jechuun dubbatan.
Irreechi Hora Finfinnee Fulbaana 22 kabajama Hora Harsadiitti ammoo Fulbaana 23 kabajama.
Irreechi Irree keenya Tokkummaa fi waliin jireenya sabootaa jabeessa kanaaf Irreechi Irreecha nagaa fi Tokkummaa akka ta’u lammiileen Ityoophiyaa hundinuu dirqama isaan irraa eegamu ba’achuu qabu jedhaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.