Uummanni Oromoo fi Somaalee obboleewwani- Preezdaant Shimallis

 

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2014(FBC) – Uummanni Oromoo fi Somaalee obboleewwani jedhan Preezdaantiin bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisa.

Uummanni Oromoo fi Somaalee qabatamaan obboleewwan ta’uu Preezdaant Shimallis ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT ummattoota lamaan giddutti badiiwwan ummee ture guutummaa guutuutti furamuu Preezdaant Shimallis himanii, badiiwwan kana dura turan sirreessuun caalaatti, ummanni lameen tokkummaasaanii cimsanii akka itti fufaniif jabaannee hojjenna jedhaniiru.

Uummanni Somaalee mootummaa haaraa hundeeffamu waliin hojjechuun imala gara boqonnaa haaraatti taasifamu akka dhugoomsu kan amanan ta’uu miidiyaaleen naannichaa gabaasaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment