Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Uummanni naannoo Tigraay akkuma Uummattoota Ityoophiyaa biroo seenaa boonsaa ijaarsa biyyaa keessatti qabu eegsisuun gochaa badii garee Shororkeessa ABUT balaaleffachuu qabu jedhameera.
Hoggantoonni waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Tigraay magaalaa Gambeellaatti argamuun dhalattoota naannoo Tigraay magaalicha jiraatan waliin haala yeroorratti mari’ataniiru.
Waltajjicharratti Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Tigraay ,obbo Gabratsaadiiq Gabramadiin gareen shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa nan diiga jechuun biyyaa fi uummata irratti gochaa badii raawwachaa jira.
Uummanni naannoo Tigraay akkuma Uummattoota Ityoophiyaa biroo seenaa boonsaa ijaarsa biyyaa keessatti qabu eegsiisuu qabu jedhan.
Ityoophiyaan yoo jiraatte Birmadummaan Naannoo Tigiraayis jiraachuu danda’an jedhaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT daa’immanii fi haadholii ulfaa osoo hin hanbisiin gara waraanaatti galchaa jiraachuu eeraniiru jedhan.
Birmadummaa biyyaa kabachiisufis garee shororkeessa ABUT balleessuun dhimma filannoof dhiyaatu mitis jedhan.
Maddi:-TOI
uula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna