Jiraattoonni naannoo Oromiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasisuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Jiraattoonni naannoo Oromiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasisuu mootummaan naannicha ibseera.
Jiraattoonni naannicha raayyaa ittisa biyyaaf Birrii fi gosaan hanga amaatti deeggarsa Birrii miiliyoona 100 olitti tilmaamuu taasisuu hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannoo Oromiya obbo Geetaachoo Baalchaa ibsaniiru.
Jiraattoonni kunneen hiriira nageenyaan tarkaanfii mootummaan garee gantuu ABUT irratti fudhata jiru deeggaruu fi garichi haleellaa raayyaa ittisa biyyaarratti raawwate balaleeffachuurra darbe deeggarsa garaagaraa taasisaa jira.
Naannichatti hanga Sadaasa 7, 2013tti deeggarsi Birrii miiliyoona 100 ol taasifameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment