Uummanni Musiliimaa namoota harka qalleeyyii gargaaruun Ayyaana Arafaa akka dabarsu abbootiin amantaa Islaamaa waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Uummanni Musiliimaa namoota harka qalleeyyii gargaaruuniifi gaafachuun Ayyaana Arafaa akka dabarsu abbootiin amantaa Islaamaa Hajii Muftii Umar Idiriisiifi Hajii Ibraahim Tufaan  waamicha dhiyeessaniiru.

Hajii Muftii Umar Idiriisiifi Hajii Ibraahim Tufaan Ayyaana Iid Al Adahaa 1443ffaa sababeeffachuun hordoftoota amantaa Islaamaa maraan ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsaniiru.

Uummanni Musiliimaa ayyaanicha nagaan ba’ee kabajee nagaan akka deebi’u gaafataniiru.

Nageenyi bu’uura waan hundaa waan ta’eef hundi nageenyaaf akka dhaabbatu ibsa TOI kennaniin dhaamaniiru.

Ayyaanni Iid Al Adahaa guddichi jaalalaan, tokkummaa fi obbolummaan akka kabajamuuf uummanni musiliimaa tokkummaa Ityoophiyummaa fi obbolummaa isaa eeguu qaba jedhaniiru.

Biyyi, maatiin, misoomniifi guddinni kan jiraatu nageenyi yoo jiraate ta’uu ibsuun, nageenyaaf gatii guddaa kennuun namoota gidduutti miirri waltumsuu fi obbolummaa mirkanaa’uu akka qabu eeraniiru.

Uummanni musiliimaa ayyaana Arafaa guddicha wayita kabaju namoota harka qalleeyyii gaafachuun, warreen beela’an nyaachisuun, warreen daaran uwwisuun ta’uu akka qabu yaadachiisaniiru.

Amantaan kan jiraatu yoo biyyi jiraate ta’uu hubachuun ayyaanicha wayita kabajnu waliif abboomamuun, walgargaaruuniifi tokkummaa cimsuun ta’uu qaba jedhaniiru.

Ayyaanichi kan nagaa, kan gammachuu, kan badhaadhinaa fi walkabajuu akka ta’uuf miirri waltumsuu cimuu akka qabu dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment