Uummanni Afaar humna weeraraaf garaa hin laafu- Ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir

Finfinnee, Sadaasa 11, 2014 (FBC)- Uummanni Afaar  humna weeraraa Ityoophiyaa fi eenyummaa isaarratti dhufeef garaa kan hin laafne ta’uu Paartii Badhaadhinaatti hoogganaan damee wiirtuu diimokiraasii  Ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir ibsan.

Weerrarri garee shororkeessaan ABUT naannolee Amaaraa fi Afaaritti gaggeesse Ityoophiyaanota gabroomsuuf fedhii guddaa qabaachuu isaa kan agarsiisudha jedhan.

Garee shororkeessaan kun naannoo Afaaritti bakkeewwan weeraree turetti miidhaa namoomaa fi qabeenyaa hedduu qaqqabsiisuu eeraniiru.

Qabeenya uummataa Birrii Biiliyoona 2 fi kuma dhibba 5 olitti tilmaamamu barbadeessuu ibsaniiru.

Gocha weerara naannoo Amaaraa fi Afaar irratti raawwateen birmadummaa Ityoophiyaa sarbuu eeraniiru.

Weerara garee shororkeessaa ABUT uummanni Amaaraa fi Afaar uummata obboleewwan biroo waliin qolachaa jiraachuu kaasaniiru.

Garee shororkeessaa ABUT balleessuuf humni addaa fi milishaan naannoo Afaar Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin qindoomanii hojii bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Uuummanni Afaar ibsa, haasaa tuffii garee Shororkeessaa kanaaf kan hin jilbeeffanne ta’uu eeraniiru.

Humna Ityoophiyummaa fi eenyummaa isaatti dhufe awwaalaa jiraachuu fi araarama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment