Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC) –Sirni dhaala Goonfoo Sulxaan Ahimaad Aliimiiraahi naannoo Afaar Magaalaa Asaayitaatti gaggeeffameera.
Ummanni Afaar Ummata Aadaa fi Seenaa boonsaa qabu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Awwal Aarbaan ibsaniiru.
Sirnichi mirga hawaasaa kabachiisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Sulxaan Aliimiiraahin gosoota garaagaraa walqixa fayyadamoo taasiisuun mirgi isaanii akka kabajamuu fi guddinni diinagdee haqa qabeessa akka ta’u gumaachuu isaanii eeraniiru.
Kan amma aangoo fudhatan Sulxaan Ahimad Aliimiiraanis akkuma abbaa isaanii hojii gaarii akka hojjetan amantaa qabaachuu dubbataniiru.
Hawaasni garaagarummaa malee tokkummaan hojii misoomaatti akka bobba’an itti gaafatamummaa isaanii kan ba’an ta’uu Sulxaan Ahimad Aliimiiraahin eeraniiru.
Sirna aangoo dhaaluu kanarratti kan argaman Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasee Caafoon, Uummanni Afaar uummata fakkeenya tokkummaa fi jabinaa ta’uu ibsaniiru.
Aadaa fi seenaan akka kanaa duudhaa isaa eegee dhaalootaaf akka darbu lammiileen Ityoophiyaa biroo uummata Afaarirraa barachuu akka qaban eeraniiru.
Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gama isaaniin, Uummanni Afaar sirna kana kunuunsuun dhalootaaf dabarsuu akka qaban ibsaniiru.
Saamu’eel Warqaayehuutu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.