Utuu hinugguramiin ‘uggurameera’ jechuun jaalallee ishee Birrii kuma 500 kan gaafatte to’atamte

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC)-Himatamtuun utuu hinugguramiin ‘uggurameera’ jechuun jaalallee ishee Birrii kuma 500 kan gaafatte mana jireenyaa ishee keessatti to’annoo jala oolchuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Shakkamtuun yakkicha kan raawwatte Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 9tti ta’uu ragaan poolisii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Shakkamtuun kun bakka qabachuuf jecha godoo ijaaramte keessatti ‘uggurameera’ jechuun jaalallee ishee Birri kuma 500 ‘kaffaluu qabda jedhameera’ jechuun bilbila hinbeekamneen ergaa barreeffamaa barreessitee turuun eerameera.

Ergaan barreeffamaa ergames soba ta’uu mirkanaa’eera.

Himatamtuu fi miidhaaman kanaan dura gaa’ilaan waliin jiraachaa akka turanii fi wal loliisaan addaan ba’uun ibsameera.

Hawaasnis yakkoota akkanaaf akka hinsaaxilamne eeggannoo barbaachisaa taasisuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment