USIAD Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf murannoo qabaachuu beeksiise

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa (USIAD) Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf murannoo qabaachuu beeksiiseera.
Ityoophiyaatti itti gaafatamaan dhaabbatichaa haaraan Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaa Shifarraaw Taklamaariyaam waliin mari’ataniiru.
Haala lammiilee balaa uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif deeggarsa qaqqabsiisuun dandeessisurratti mari’ataniiru.
Hoggantoonni Dhaabbata Gargaarsaa Ameerikaa lammiilee Ityoophiyaa deeggarsa namoomaa ariifachiisaa barbaadaniif deeggarsa dhiyeessuuf Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaa waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uu eeruu isaanii ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii afaan oromo: https://bit.ly/3fjfcxr
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment