USAID Ityoophiyaa dabalatee biyyoota sadiif deeggarsa doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 14 taasise

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa ‘USAID’ Gaanfa Afrikaatti hongee muudateen walqabsiisee doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 14 dabalatan deeggarsa namoomaa taasisuu beeksiseera.

Deeggarsichi Ityoophiyaa dabalatee Keeniyaa fi Somaaliyaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf kan ooluu ta’uu ragaan dhaabbatichaarra argame ni mul’isa.

Naannichatti hongee mudateen lammiileen miiliyoonni 20 deeggarsi midhaanii ariifachiisaan isaan barbachisaan tilmaamama.

Dhaabbatichi deeggarsichi ga’aa akka hin taanee ibsuun, qaamolee tumsiitoota idil addunyaa biroon deeggarsa akka taasisaan waamicha dhiyeesseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment