Uraagaay Biraaziil injifachuun tapha walakkaa xumuraaf dabarte

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2016 (FBC) – Waancaa Kooppa Ameerikaan Uraagaay rukkuttaa adda bahiinsaan Biraaziil injifachuun tapha walakkaa xumuraaf dabarte.

Tapha barii kana taphatameen sa’aatiin idilee fi dabalataa galchii malee qixaan xumuramuun Uraagaay rukkuttaa adda bahiinsaa galchii 4 fi 2n Biraaziil injifatte.

Arjentiinaa, Kaanaadaa, Kolompiyaa fi Uraagaay biyyoota tapha walakkaa xumuraaf gahaniidha.

Tapha walakkaa xumuraan Arjentiinaan Kaanaadaa waliin yoo taphattu, Uraagaay ammoo Kolompiyaa waliin taphatti.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment