Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC)- Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii (UNICEF) Ityoophiyaatti qulqullina barnoota fooyyeessuu fi hojiiwwan walqabata damichaa deeggaruuf Ministeera Barnoota waliin mari’ateera.
Ministirri Ministeera Barnoota Proofeeser Birhaanuu Naggaa Ityoophiyaatti itti aanaan UNICEF Mikaa’eel Seervadii waliin guyyaa qulqulliina barnoota idil addunyaa sababeeffachuun marii taasisaniiru.
Marichaanis UNICEF Ityoophiyaatti ogummaa hayyoota guddisuu, waliin ga’iinsa barnootaa fi akkasumas kenninsa qulqullinaa barnootaarratti deeggarsa taasisaan irratti mari’atamuu TOI gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.