UNESCOn Ityoophiyaatti Proojektii guddina Indaastirii Fiilmiif gargaaru ifoomse

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaatti Proojektii guddina Indaastirii Fiilmiif tumsu ifatti hojii eegalchiiseera.
Proojekticha ilaalchisee qooda fudhattoonni Intarneetiin marii taasiisaniiru.
Proojekticha dhugoomsuun Indaastirii Fiilmii Ityoophiyaaf gumaachaa kan qabu ta’uu Ityoophiyaatti Daayreektarri dhaabbatichaa Dooktar Yimiikoo Yuukaazaakiin ibsaniiru.
Imaammanni Fiilmii Ityoophiyaa bara Faranjootaa 2017 kan ifoome ta’uu Ministeera Aadaa fi Tuurizimiitti Daayreektarri Daayreektoreetii Indaastiriii aadaa obbo Tafarii Takluun himaniiru.
Imaammanni kun mootummaan damichaaf xiyyeeffaannoo kennuu kan agarsiisuudha jedhan.
Proojektiin kunis Imaammatichi hojiitti akka hiikkatuuf daandii kan qabsiisuu ta’uu eeraniiru.
UNESCOn hojiirra oolmaa Proojektichaaf fandii kan dhiyeessu yoo ta’u, hojicha kan gorsu koreen idil addunyaa fi biyya keessaa tokko gurmaa’uun gara hojiitti galuu himameera.
Sadarkaa biyyaaleessaattis qaama mootummaa, waldaalee ogummichaa fi seektara dhuunfaa keessaa gareen miseensoota 12 of keessatti hammate hundaa’uu ragaan Ministeera Aadaa fi Tuurizimiirraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment