‘UNESCO’n Ityoophiyaa akka deeggaru beeksise

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Barnoota, Saaynsii fi Aadaa (UNESCO) ya’ii bulchiinsa marsariitii idil addunyaa ityoophiyaan qopheessitu dabalatee, hojiilee garaagaraa akka deeggaru ibse.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoolojii, Dooktar Ballaxaa Mollaa Ityoophiyaatti Bakka Bu’aa Daayrektara ‘UNESCO’ Dooktar Rittaa Biisoonuuz waliin dameewwan garaagaraarratti waliin hojjechuuf mari’ataniiru.

Marii isaaniin, yaa’ii bulchiinsa marsariitii, tajaajila elektirooniksii mootummaa, ogummaa dijitaalaa, saayinsii, injiinariingii fi herregarratti mari’ataniiru.

Dooktar Ballaxaan akka jedhanitti ‘UNESCO’ damee saayinsii, teeknooloojii fi innooveeshiniin tattaaffii Ityoophiyaa deeggaruuf fedhii argisiiseef galateeffataniiru.

Tarsiimoo dijitaal Ityoophiyaa 2025 bocuun hojiirraa oolchuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii, ‘UNESCO’ waliin damecharratti hojjechuuf qajeelfama walta’iinsa qopheessuun hojiitti seenna jedhan.

Dooktar Riittaa Biisoonuuz gama isaaniin ‘UNESCO’ barana Ityoophiyaan kan keessumsiistu yaa’ii bulchiinsa marsariitii deeggaruuf fedhii akka qabu ibsaniiru.

Hubannoo dijiitaalaa, hubannoo namtolchee, tajaajila elektirooniksii mootummaa fi dameewwan biroorrattis deeggarsa barbaachisaa akka taasisan dubbachuu isaani ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

‘UNESCO’n Gamtaa Afrika waliin ta’uun waltajjiin marii tajaajila elektirooniksii fi hubannoo namtolcheerratti xiyyeeffate bara faranjootaa Fulbaana 28 eegalee Finfinneetti gaggeessa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment