UNDP’n Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 12, 2016 (FBC)- Sagantaan Misoomaa Dhabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) adeemsa ijaarsa nageenyaa Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu Itti Gaafatamaan dhaabbatichaa Aachii Shitaaynar dubbatan.

Yaa’ii waliigalaa 78ffaa Dhaabbata Mootumoota Gamtoomanii Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jiru cinaatti Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirii Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin marii ittigaafatamicha waliin taasisaniiru.

Marii isaaninis UNDP’n haalota kamuu keessattii tumsaa yeroo dheeraa Itiyoophiyaa ta’uu eeraniiru.

Sagantaa deebisanii ijaaruu fi dandamachiisuutti dabalataan adeemsa imala guddinaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf deeggarsa akka taasisan himaniiru.

Obbo Dammaqaan gama isaaniin UNDP’n hanga ammaatti deeggarsa taasise dinqisiifachuun mootummaa fi dhaabbilee tumsitoota misoomaa gidduu tattaaffii qinda’aan akka taasifamu gaafataniiru.

Sagantaalee misoomaa biroorrattisa marii taasisuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment