UN sochii hawaasaa dhorkuuf biyyoota humna fayyadaman akeekkachiise

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) sochii hawaasaa dhorkuuf biyyoota humna fayyadaman akeekkachiise.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajjirri dhimma mirga dhala namaa wayita weerara vaayrasi Koroonaa kana sochii hawaasaa dhorkuuf biyyoonni humnoota nageenyaa fayyadaman of qusachuu akka qaban akeekkachiise.

Sodaan uummata sana osoo hin taane vaayrasicha akka ta’etti hubachuu qabus jedheera dhaabbati kun.

Afriikaa Kibbaa, Keeniyaa, Ruwaandaa fi Yuugaandaan biyyoota humnoota nageenyaa fayyadamuun sochii uummataa ugguraa jiran keessatti eeramaniiru.

Akka BBCn gabaasetti Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Michelle Bachele biyyoonni humna addaa fayyadamuun uummata cabsanii to’achuu barbaadan of qusachuu qabu jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment